Luke 9:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaanille, “Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; worri dhibiin raagota durii keessaa tokkochatti du'aa ka'eera si'iin jedhan” jedhanee deebisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan jed'eeni, Nami gari Yohana nama batisu jed'a; ammo ka gari Eliya jed'a; ka garileeni, Raaga duri tokoti duisa keesaa kae jed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii itti himee, “Namii garii Yoh. aannisii nama cuuphu jedha; ka garii ammoo, Eliyaas jedha; ka gariilleen, raaga durii tokkootti du'aa ka'e jedha” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee deebisanii, «Gariin Yohaannisii cuupha'a siin jedhan; gariin Eeliyaas siin jedhan; kuuwwan raattota durii keessaa tokkotu du'aa ka'eera siin jedhan» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee deebisanii, «Gariin Yohaannisii cuupha'a siin jedhan; gariin Eeliyaas siin jedhan; kuuwwan raattota durii keessaa tokkotu du'aa ka'eera siin jedhan» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee, «Tokko tokko, ‹Yohaannisii Cuuphixicha› kuunniin, ‹Eliyaas› siin jedhan, ‹nabiyyoota duraanii keessaa tokkochi du'aa ka'ee jira› ka jedhan'llee ni jiran» jedhanii, ni deebisaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaanille, «Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; worri dhibiin raagota durii keessaa tokkochatti du'aa ka'eera si'iin jedhan» jedhanee deebisane.