Luke 9:22 — Compare Translations

5 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni itti dabalee, “Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, mootota hayyootaatii fi barsiisota seeraatiin tuffatamee guddoo rakkata, hin ijjeefama, guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a” jedhee isaanitti hime.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle waan jed'eeni, Ilmi Nama aka heddu gaargalu male, jaaroleefi qaalole gugurdofi jari Seera beekhuleeni isa mormate, isa ijeesani, ammo guyya sadeeso kau male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee, “Ilmii namaa akka hedduu gaargaluu male, jaarroleen, qaallolee gugurdoof jarii seera beekuulleen isa mormatee, isa ijjeessanii, ammoo guyyaa sadeessoo ka'uu malee” jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Ilmi Namaa rakkinna baayi'ee fudhachuun isaan ni mala, jaarsotaa fi itti gaafatamoota qeesotaa, barsiisota seeraa biratti'llee ni tuffatama, ni ajjeefama'lle'e, haa ta'u malee guyyaa sadaffaa titti, du'aa ni ka'a.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni itti dabalee, «Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota seeraatiin tuffatamee guddoo rakkata, hin ijjeefama, guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhee isaanitti hime.