Luke 9:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba isaan maraan, “Nami na hordofiisaa barbaadu yoo jiraate, ifi mormatuu ti, guyyuma guyya'aan fannoo ifii ba'atee, na hordofuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni waan worra ch'ufaani jed'e, Yo nami na gula d'ufu fed'e ha ufi mormate hojja ch'ufa maskali ufi baate na gula deemu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan innii warra cufaan, “Namuuyyuu yo na gula dhufuu fedhee ha ufi mormatee yo cufa fannoo ufii baatee na gula deemuu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni isaan maraanuu akkana jedhe, «Namni na faanaa dhufuu barbaadu yoo jiraate, uf irraa haa bayuu; guyya guyya'aan fannoo ufii baadhatee na faana haa deemuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni isaan maraanuu akkana jedhe, «Namni na faanaa dhufuu barbaadu yoo jiraate, ufirraa haa bayuu. Guyya guyya'aan fannoo ufii baadhatee na faana haa deemuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maraanuu ammoo akkana ni jedhe, «Ana horddofu'uuf ka barbaadu yoo jiraate mataa isaa haa waakkatu, guyyama guyya'aan'llee fannoo isaa baadhatee, ana haa horddofu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba isaan maraan, «Nami na hordofiisaa barbaadu yoo jiraate, ifi mormatuu ti, guyyuma guyya'aan fannoo ifii ba'atee, na hordofuu ti.