Luke 9:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami biyya lafaa duudii qabaatee jiruu ifii yoo balleesse yookiin dhidhise maan isaa baati?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maani namaa baati, yo nami waan lafa tana ch'ufa argate ammo ufi balleese ufumaani badu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii waan lafa tanaa cufa argatee ammoo mataa ufii yo balleesse, ufumaa baduu malee bu'aan isaa maal?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni waan adunyaa tanaa maraa argatee, lubbuu ufii yoo balleeffate yookaan dhabe faayidaa maal argata?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni waan adunyaa tanaa maraa argatee, lubbuu ufii yoo balleeffate yookiin dhabe faayidaa maal argata?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni qabeenna biyya lafaa mara uduu argatee, lubbuu isaa garuu yoo balleesse maal isa fayyada?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami biyya lafaa duudii qabaatee jiruu ifii yoo balleesse yookiin dhidhise maan isaa baati?