Luke 9:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani dhugumaan isinitti hima, namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa adoo hin du'in, Mootummaa Waaqaa ka dhagganu hin jiran” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan anini d'uguma isaniini jed'u, Jari gari ka arma jiru haga Finna Waaqa ila ufitiini arguti induu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhugumaan isanitti himaa, jarii arma ejjaaju ka garii, haga Mootummaa Waaqaa ila ufitiin arguutti hinduu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani dhugamaan isiniin jedha, namoota as dhaabata'aaran kanniin keessaa worri uduu hin duune jeennata Rabbii argatan hin jiran» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani dhugamaan isiniin jedha, namoota as dhaabata'aaran kanniin keessaa uduu hin duune worri jeennata Rabbii argatan jiran» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhugamaan isiniin jedha, amma worra asi jiran jiddu'uu Mootummaan Waaqaa yoo dhufittu haga arganitti, ka hin duune tokko tokko ni jiran.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani dhugumaan isinitti hima, namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa adoo hin du'in, Mootummaa Waaqaa ka dhagganu hin jiran» jedhe.