Luke 9:33 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma namooti lamaan Yesuus lakkisanee deemaneen, Pheexroos Yesuusiin, “Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna waan dansa'a; gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarra” jedhe; Pheexoos waan dubbatiisatti jiruuyyuu hin beenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato worri isa biraa yau, Petroni waan Yesoni jed'e, Aabbo, aki nu arma jirru dansa. Hoosa sadi mid'aasina; toko kanketi, toko ka Musati, tokoleeni ka Eliyati. Ammo inni waan jed'e, imbeekhu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Musee fi Eliyaas isa biraa yaa'uu jirtuu Phexros Yesusiin, “Aabboo, arma jiraachuun keenna akkam dansaa, koottaa bulttoo sadii midhasiinaa; tokko teeti, tokko ta Museeti, tokkkoolleen ta Eliyaasiiti” jedhe. Innii ammoo waan dubbachuu jiru sun hinbeeku.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma namoonni sun isa biraa deemaniin Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! Asitti argamuun keenna waan misha'a; daasee sadihii tokko siif, tokko Muuse'eef, tokko ammo Eeliyaasiif haa ijaarruu» isaan jedhe; Inni ammo woma dubbata'aaruu hin beeku ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma namoonni sun isa biraa deemaniin, Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! Asitti argamuun keenna waan misha'a; daasee sadihii, tokko siif, tokko Muuse'eef, tokko ammoo Eeliyaasiif haa ijaarruu» isaan jedhe; Inni ammoo woma dubbata'aaruu hin beeku ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni lamaan Yesusiin biraa fooyamanii yeroo deemanitti Phexiros Yesusiin, «Yaa barsiisaa, asi ta'uun keenna nu'uuf misha'a, kanaaf tokko si'iif, tokko Muse'eef, tokko Eliyaasiif ka ta'an daaseewwan sadihii haa ijaarruu!» jedheen, Phexiros kana yoo dubbatu waan jedhu hin beeku ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma namooti lamaan Yesuus lakkisanee deemaneen, Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna waan dansa'a; gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarra» jedhe; Pheexroos waan dubbatiisatti jiruuyyuu hin beenne.