Luke 9:36 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Qoonqoon dhage'anteen duuba, Yesuus qofi jiruun dhaggane. Barattootille cadhisane malee, waan yennaa san dhaggane mara nama tokkolle'etti hin hinne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi qonqooni dabarte Yesoni kobati hafe. Worri ch'allise, bara suni ch'ufa waan argani suni nama tokoleti inhimne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii qoonqoon dabarte Yesus kophaatti hafe. Warrii yo sun waan arge sun nama tokkoolleetti hinhimnee incallise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga laagaan sun dhagayameen maayessa, Yesuus hojjuma ufii achitti argame. Isaan hin cadhisan. Hennaa san isaan waan argan eennuttillee hin himne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga laagaan sun dhagayameen maayessa, Yesuus hojjuma ufii achitti argame. Isaan hin cadhisan. Hennaa san isaan waan argan eennuttillee hin himne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qooniqqi eega dhagayameen duubatti'llee, Yesus adda isaa ta'ee ni argame, barattoonni isaa'llee yeroo sanitti, waan arigan maraa eennutti'llee uduu hin himin, ni caldhisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qoonqoon dhage'anteen duuba, Yesuus qofi jiruun dhaggane. Barattootille cadhisane malee, waan yennaa san dhaggane mara nama tokkolle'etti hin hinne.