Luke 9:38 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gumii keessaa nami tokko qoonqoo guddo'oon, “Barsiisa'a! Akka ati ilma tokkocha kiyya naa laaltuuf, si kadhadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami toko gumi keesa iti lalabe waan jed'eeni, Aabbo si kad'ad'a kooti ilma kiyya takacha anini qabu ilaali.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii tokko gumii keessaa itti lallabee, “Aabboo si kadhadhaa koottii ilma kiyya tokkocha anin qabu naa laal.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii san keessaa namichi tokko laagaa ufii ol qabatee, «Barsiisaa'a! Ilmi kiyya tokkichi qabu hafuura hama'aan waan dhayameeruuf akka naa laaltu si kadhadha;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Banii san keessaa namichi tokko laagaa ufii ol qabatee, «Barsiisaa'a! Ilmi kiyya tokkichi qabu hafuura hama'aan waan qabameeruuf akka naa laaltu si kadhadha jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ummata jiddu'uu'llee naminni tokko akkana jechu'uun ni iyye! «Yaa barsiisaa, kun anaaf ilma tokkochaatii, akka naa fayyifttuuf si ni kadhadha,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gumii keessaa nami tokko qoonqoo guddo'oon, «Barsiisa'a! Akka ati ilma tokkocha kiyya naa laaltuuf, si kadhadha.