Luke 9:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yoo kolbaan isin fudhatiisa dhadde, akka beessisa isaanitti teetu bukuu miila keessanii hargufadha'aatii qachaa sanii deema'a” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama isani inulfeesiini, yo dira suni keesaa kaatani, awaara miila iraa d'ad'aad'a, aka akheekha worraa taatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dira warra isan hinkeessummeesinee keessaa ba'a; yo keessaa baatan ammoo, akka akeeka warraa taatu awwaaraa miila keessan irraa dhadha'adhaa!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee yoo isin simachuu dhabaate, qachaa san keessaa hennaa baatan akka ragaa isaanitti ta'u daaraa luka keessanii hargufadhaa'a.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee yoo isin simachuu dhabaate, qachaa san keessaa hennaa baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii hargufadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni ka isin ufitti hin fudhanne yoo ta'e garuu, magaalaa san dhiifttanii yoo deemittan, awwaara miila keessan dhadhawadha'aatii deemaa, kun'llee ragaa isaanitti ni ta'a.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoo kolbaan isin fudhatiisa dhadde, akka beessisa isaanitti teetu bukuu miila keessanii hargufadha'aatii qachaa sanii deema'a» jedhe.