Luke 9:53 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan ollaa sanii ammoo akka inni gara Yerusaalemii deemiisatti jiru waan beetteef, isa fudhatiisa didde.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo biyyiti isa dide maro inni Yerusalemu deema kaefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Biyyitii ollaa sun ammoo isa didde; waan innii Yerusaalem deemuuf muraatee ka'eef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni naannoo sanii ammo akka inni gara Yerusaalemii deema'aaru waan beekaniif isa simachuu didan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni naannoo sanii ammoo akka inni gara Yeruusaalemii deema'aaru waan beekaniif, isa simachuu didan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu inni achiin dabrree gara Yerusaalemii ka deemu ta'uu isaa beekanii waan tureef, namoonni ganda sanii isa ufitti fudhachu'uuf hin barbaanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan ollaa sanii ammoo akka inni gara Yerusaalemii deemiisatti jiru waan beetteef, isa fudhatiisa didde.