Luke 9:55 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo garagalee isaan xixee, [“Isin ayyaana attamii irraa akka teetane hin beettanu; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisiisaaf malee balleesiisaaf hin dhunne”] jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni garagale worra gorse,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo, garagalee warra gorsee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni ammo isaanitti gara galee isaan teedeffatee, «Isin Ayyaanni attamii akka isin irra jiru hin beettan; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisu'uuf malee balleessu'uuf hin dhufne» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni ammoo isaanitti garagalee isaan teedeffatee, «Isin Ayyaanni attamii akka isin irra jiru hin beettan; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisu'uuf malee, balleessu'uuf hin dhufne» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu gara isaanii deebi'ee isaanitti ni baanate. [Isin hafuura attamii irraa akka taatan hin beekittan, Ilmi Namaa ka dhufeef lubbuu fayyisu'uuf malee, balleessu'uufii miti.]
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo garagalee isaan xixee, [ «Isin ayyaana attamii irraa akka teetane hin beettanu; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisiisaaf malee balleessiisaaf hin dhunne»] jedhe.