Luke 9:57 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo isaan karaa ideemiisatti jiranuu, namichi tokko Yesuusiin, “Addee ati dhaxxu mara ani si faana dhaqa” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato kara yaanu, namichi toko waan Yesoni jed'e, Fulla atini deemtu ch'ufa si gula deema.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo karaa yaa'anuu, namichii tokko Yesusiin, “fulaa atin deemtu cufa si gula deema” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan uduu karaa irra deeman namichi tokko Yesuusiin, «Gara ati deemtu maraa si faana deema» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee karaa irra uduu deeman namichi tokko Yesuusiin, «Gara ati deemtu maraa si faana deema» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesusii fi barattoonni isaa adeemissa itti fufanii karaa irra uduu jiran naminni tokko Yesusiin, «Ani gara ati deemittu maraa si horddofu'uuf ni barbaada,» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo isaan karaa ideemiisatti jiranuu, namichi tokko Yesuusiin, «Addee ati dhaxxu mara ani si faana dhaqa» jedhe.