Luke 9:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre ergantooti achii bayanee olloota maraa keessa Oduu Gammadaa lallabaa, kolbaa fayyisaa deemane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kae olla ch'ufa keesa yayae Odu Dansa odeese, fulla ch'ufati nama fayyise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii ka'ee ollaa cufa keessa yayaa'ee oduu dansaa Mootummaa Waaqaa himee, fulaa cufaatti nama dhukkubeellee fayyise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee achii bayanii Dubbii Nagayaa lallaba'aa bakka maratti fayyisa'aa, qachaa maraa keessa deema'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee achii bayanii Oduu Nagayaa lallaba'aa bakka maratti fayyisa'aa, qachaa maraa keessa deema'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf ergamittoonni achii bayanii wongeela barsiisa'aatii fi dhukkubisatoota fayyisa'aa, gandoota mara keessaan ni dabrran ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre ergantooti achii bayanee olloota maraa keessa Oduu Gammadaa lallabaa, kolbaa fayyisaa deemane.