Luke 9:62 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus isaan, “Nami qottoo harkatti qabatee, ifiin duuba ilaalu mootummaa Waaqaatiif hin te'u” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan isaani jed'e, Nami harka ufi ginda ira kaye ufi duuba millatu tokoleeni Finna Waaqaati himmalle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus isaan, “Namii harka ufii gindaa irra ka'ee ufi duuba millataa hin qotu; namii akkasii tokkoolleen Mootummaa Waaqaatii hinmalle” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammo, «Eennullee ka dongoraa harkisa'aa harkatti qabatee uf duuba laalu jeennata Rabbiitiif hin malu» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammoo, «Eennullee dongoraa harkisa'aa harkatti qabatee ka uf duuba laalu jeennata Rabbiitiif hin malu» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Qotu'uuf irffii qabatee gara duubaa naminni laalu, Mootummaa Waaqaatiif ka malee miti!» jechu'uun ni deebiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus isaan, «Nami qottoo harkatti qabatee, ifiin duuba ilaalu mootummaa Waaqaatiif hin te'u» jedhe.