Luke 9:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan gariin Yohaannisiin Cuuphaan du'aa ka'eera jedhiisatti waan jirtuuf, bulchaan Galiila'aa Heroodis, waan te'iisatti jiru mara dhage'ee, guddoo mame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyuuni Herode jed'ani waan ch'ufa ka tolchani d'ageennaani guddo d'ind'inse waan nami gari, Yohanani yayu duisa keesaa kae jed'eefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hayyuun biyya Galiilaa ka Herodis jedhan waan Yesus hojjate cufa dhageennaan guddoo dhindhinse, waan namii garii, “Yoh. aannis yaayyuu du'aa ka'e” jedhee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchaan kutaa arfeesso'oo Heroodis waan ta'e san maraa dhagayee, Innillee, namoonni gari gariin Yohaannisii cuupha'atu worra du'an keessaa ka'eera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchaan kutaa arfaffa'aa Heroodis, waan ta'e san maraa dhagayee, Innillee, namoonni gari gariin Yohaannisii cuupha'atu worra du'an keessaa ka'eera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni tokko tokko, «Yohaannisiin Cuuphaan du'aa ka'ee jira» jedhanii, ni odeessan waan tureef, bulchaa biyya Galiila'aa ka ture Heerodis, waan Yesus raawwate maraa dhagayuu isaatiin ni naye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan gariin Yohaannisiin Cuuphaan du'aa ka'eera jedhiisatti waan jirtuuf, bulchaan Galiila'aa Heroodis, waan te'iisatti jiru mara dhage'ee, guddoo mame.