Malachi 1:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani na tufattani, Wonti kunini ch'ufti ya nu dad'absiifte jettani. Isani hori hatanifa, naafafa, yokhaani ka fayya inqamnefa, sorio naa baaftani. Isani duuba waan anini hori akana harka keesani ira fud'ad'u seetani?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin amma balda'aa ‹kun maruu attamitti nama hifachiisa!› jettan; horii hafan ka hokkolu, ka dhibame ciinca'aaf dhiyeessitan; ani waan kana isin irraa fudhadhu seetanii?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dabaltaneelle, ‹Kun eloo qofa!› jettanee itti murgitan; isin horii hatame, horii naafa, horii dhibame fiddanee ciincaa ciincessitan; ani kana ani isin irraa hin fudhadha seetanii?