Malachi 1:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo worri Edomu, Ya nu balleesani, ammo nu dira keenna injaaranna jed'e, AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Worri ha jaaratu, ammo anini ammalle inch'absa, haga nami ch'ufti worraani, Isani worra hama AABBO Waaqi injaalanne jed'uuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu worri Edoomota jedhaman horteen Eesawu'uu qachoonni teenna diiggamaniiran; haa ta'uu ammo deebifnee ijaarra jedhanii Waandhi banii maraa ammo isaan hin ijaaran; ani ammo hin diiga baniin maruu biyyattii biyya hammeennaa worra isii keessa jiraatan «Banii Rabbi baraa haga bara baraa lole jedhanii isaan waaman» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sanyiin Esaawuu worri Edoomii, «Qachooti keenna diigamanee turaneeran; amma ammoo ka diigamane san deebinnee hin ijaarra!» hin jedhan; ammoo Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Isaan hin ijaaran; ani ammoo hin diiga. Kolbaan ‹Biyyi sun biyya hantu'u; kolbaan biyya saniille kolbaa Mootiin Waan Maraa baraa haga bara baraa itti mufate› hin jetti.