Malachi 1:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo isani hori ballaafi naafa, yokhaani ka fayya inqamne, sorio naa d'uftaniini, isani waan suni dansaa seetani? Yo isani hori akasi gudda lafa teesaniti kennitani, inni ingammada? Yokhaani inni waan isani feetani isanii intolcha?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin amma horii ballaa, dhibama'aa fi ka hokkolu hennaa ciinca'aaf dhiyeessitan waan yakka raawwattan isinitti hin fakkaatuu? horii akkanaa kanniin bulchaa keessanii uduu kennaa dhiyeessitanii inni waan gammadee isin irraa fudhatuu fi waan isin galatoonfatu isinitti fakkaataa?» jedha Waandhi banii maraa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Horii ballaa yookiin dhibamaa yookiin naafa ciinca'aaf yennaa dhikeessitanu, kun waan gadhe'ee motii ree? Me waan akkasii bulchaa keessaniif dhikeessa'a! Inni isinitti hin gammadaa? Gammadee isin irraa hin fudhataa?» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.