Malachi 2:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Yuda ya waan Waaqa tolchina jed'e tolchu dide, waan hamtu d'ibi Yerusalemufi lafa Israeli ch'ufa keesati tolche. Worri yayu Mana AABBO Waaqaa, ka inni jaalatu, t'ureese. D'iirti yayu dubra worra waaqoota d'ibi kad'atu fuute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin Yihuuda'aa worra hin amanamne ta'aniiran; isaan Israa'elii fi Yerusaalemiin keessatti hujii battii nama jibbisiisu raawwataniiran; sababaan wonti kun ta'eef Yihuudaan dubartoota ormaa ta waaqolee tolfamaa waaqeffatan fuudhee mana woyyumma'aa ka Rabbi jaalatu waan batteesseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Yihudaan hin addatanne; Israa'elii fi Yerusaalem keessatti waan Waaqi jibbu hujane; isaan dubartoota waaqota dharaa waaqonfattu fuudhanee addee Galma Waaqaa san batteessan.