Malachi 2:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi isanifi worra nama taka intolchine? Inni maalifi akana isani tolche? Woni inni akana isani tolcheefi, aka isani ijoolle gumi Waaqaa ta d'uga taatu d'altani fed'a. Tanaafi isaniini tokoleeni kakhu nad'eeni teesaniti kakhattani inch'absina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa Rabbi isinii fi haawwota manaa teessan qaama tokkoo fi akka yaada tokko qabaattan godhee hin turree? waan kana keessatti yaanni isaa maal ture? kaayoon isaa guddaan ijoollee banii Rabbii ta'an akka uumattan barbaadeeti; kanaafuu isin keessaa namni maruu waadaa haadha manaatii gale hin diigin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi isinii fi muttaaraa teessan foonii fi Ayyaanalle'een tokko hin goonee ree? Maaf tana godhe? Sanyii Waaqa sodaattu waan barbaadeeruuf tana godhe; tanaaf ifi eeggadha'a! Muttaaraa teessaniif addatamummaa hin dhabina'a.