Malachi 2:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani ya AABBO Waaqa dubbi teesaniini dad'absiiftani. Ammo isani waan jettani, Nu akamiini isa dad'absiimne? Aki isani isa dad'absiiftaniini, aka isani AABBO Waaqi Guddaani nama hameenna tolchu ch'ufa dansa sehu jettani. Yokhaani, Waaqi d'ugaa beekhu me? jettani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin dubbii keessaniin Rabbiin hifachiiftaniirtan; isin, «Maali'iin isa hifachiifne?» jettan; wonti isin isa hifachiiftaniin waan isin «Namni hamaa hojjatu maruu Rabbiin biratti misha'a; Rabbiinillee hin gammachiisa jedha'aa yookaan Waandhi haqaa eessa jira?» waan jettanii gaafattaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin jechoota keessaniin Mootii Waan Maraa dadhassiittaneertan; ammoo, «Attamiin isa dadhassiinne?» jettanee gaafattan; isin «Worri waan hantuu huje martinuu Mootii Waan Maraa duratti dansa'a; inni isaanitti hin gammada; yookiin abbaan muraa dhuga'aa eessa jira?» jettanee gaafatiisaan isa dadhassiittan.