Malachi 3:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini qorsumafi isaniti d'ufa, ammalle anini maruma toko worra falfala tolchu taanaani, d'iirafi nad'eeni aada male wolti yaatu taanaani, nama d'ara d'ugeesu taataanaani, ch'ubbicha nama hojattu isaati hori baasu didu taanaani, nama haad'a hiyyeesatiifi hiyyeeyi dabsu taanaani, nama keessuma ulfeesu didu taanaani, ammalle nama ch'ufa ka na insodaanne, d'uga intahuufi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waandhi banii maraa akkana jedha, «Ani murti'iif gara keessan dhiyaadha; ani namoota asmaa kataban, worra seebaran, worra sobaan rageessan, worra hojjattoota guyya'aa jalaa mindaa isaanii sobanii jalaa hambisan, worra dubartoota abbaan worraa jalaa du'anii, worra ijoollee abba'aa fi haadha hin qabne worra worra baqatan gad qabanii fi worra ana hin sodaanne irratti ariiti'iin isaanitti murteessa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani muraa kenniisaaf isinitti dhikaadheera; worra namatti xanu irratti, worra gaarayyeeffatu irratti, worra sobaan kakatu irratti, namoota worra hojjatoota, haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abba'aa fi haati hin jirre cunqursanu irratti, worra nama alaga'aa muraa haqaa dhooggatu irratti, worra na hin sodaanne irrattille dafee dhugaa hin baya.