Malachi 3:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan anini isani gaafad'u, Nami AABBO Waaqa insoba? Achiini isani na sobdani ammo, Nu akami si somna? jettani. Aki isani na sobdani, waan qabdani kud'ani keesa tokofi waan d'ibi ka naa baaftanile keesa na sobdani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni qabeenna Rabbii saamaa? ta'ullee isin na saamtaniirtan; isin ammo ‹attamitti si saamna?› jettanii gaafattan; wonti isin na saamtan, kennaa kudhan keessaa tokkoo fi kennaa hiyyeeyyi'ii kennan kennuu diddaniitii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami Waaqa hin saamaa? Te'uu malee isin na saamiisatti jirtan! Isin ammoo, ‹Attamiin si saamiisatti jirra?› jettanee hin gaafattan; isin kudhan keessaa tokko kennuu dhabiisaan, kennansa kennuu dhabiisalle'een na saamiisatti jirtan.