Mark 1:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus Abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane Simoonii fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo tiyyoo Abbaaya'atti afanuun dhagge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato inni d'aatu galaana Galilaya deemu, Simonifi oboleesa isaa Andarea, ka t'urura qurt'umi galaana keesa buusani, arge; worri guurtu qurt'umiiti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo innii dhaattuu galaana Galiilaa deemuu, Simoonii fi obbooleessa isaa Indiriiyaas, ka xuruuraa qurxummii galaana keessa buusan, arge; warrii guurtuu qurxumiiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu galaana Galiila'aa bira lufa'aaru Simoonii fi obboleessi isaa Indiriyaas siiboo isaanii gara galaanaa hennaa darban arge. Isaan worra qurxummii qaba'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu galaana Gaaliila'aa bira lufa'aaru Simo'onii fi obboleessi isaa Indiriyaas siiboo isaanii gara galaanaa hennaa darban arge. Isaan worra qurxummii qaba'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus garba ciisaa Galiila'aa biraan yoo dabrru Simoonii fi obboleessi isaa Indriyaas qurxummii qabddoota waan turaniif, tabbaarrii isaanii gara garba ciisa'aa yoo darbatanitti isaan ni arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus Abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane Simoonii fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo tiyyoo Abbaaya'atti afanuun dhagge.