Mark 1:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus akka barsiisota Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu waan isaan barsiiseef worri barsiisiisa isaa dhage'ane maraa akka Inni itti barsiise jajane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Biyyiti waan inni barsiise guddo maadefatte, waan inni aka jara Seera beekhu imbarsiimne, ammo aka nama humna qabu barsiiseefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Biyyitii waan innii barsiise guddoo maadeefatte, waan innii akka jara seera beekuu hinbarsiimnee, ammoo akka nama humna qabuu barsiiseef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akka barsiisota seeraa uduu hin taane akka nama baallii qabuutitti waan barsiisa'aa tureef namoonni barumsa isaa maalalfatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni akka barsiisota seeraa uduu hin taane akka nama baallii qabuutitti waan barsiisa'aa tureef, namoonni barumsa isaa maalalfatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus akka bifa barsiisonni seeraa itti barsiisanii titti uduu hin ta'in, akka nama aangoo qabuu titti isaan ni barsiisa waan tureef, worri isa dhageeffatan marrinuu barsiisa isaa ni maalalffatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus akka barsiisota Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu waan isaan barsiiseef worri barsiisiisa isaa dhage'ane maraa akka inni itti barsiise jajane.