Mark 1:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan martinuu guddoo maadeffattee, “Wonni akkasii kun maan? Kun barnoota haareya! Inni ayyaanoota hamoota ajajiisaafille baallii qaba; isaanille isaaf hin ajajaman” jettee wol woliin dudubbatte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Biyyiti ch'ufti guddo maadefatte waan woliini jette, Taka agartani d'ageetani? Barsiisaani hareetiini tuni maal? Nami kunini guddo jabeenna qaba. Yo inni dubbatu jinnileeni insarmitifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Biyyitii cuftii guddoo maadeeffattee waliin, “Takka agartanii-dhageettanii? Barsiisaan haareettiin tun maal? Namii kunin guddoo jabeenna qaba! Innii jinniillee inajajaa; jinniilleen inajajaamtiif” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Martinuu, «Kun maali'i? Baalli'iin ayyaannan battii ajaja; isaanillee hin ajajamaniif; barumsi haarofni kun maali'i?» jedha'aa baaseffatanii wol gaggaafatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Martinuu, «Kun maali'ii? Baalli'iin ayyaanota battii ajaja; isaanillee hin ajajamaniif. Barumsi haarofni kun maali'i?» jedha'aa baaseffatanii wol gaggaafatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kun maali'i? Barsiisa haarawa attamiiti? Hafuuronni battiiwwan'llee uduu hin hafin aangoo isaatiin ni ajaja, isaan'llee ni ajajamaniif» jedha'aa, maalalffachu'uun, ufii isaaniitii wol gaafachuu, jala ni qaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan martinuu guddoo maadeffattee, «Wonni akkasii kun maan? Kun barnoota haareya! Inni ayyaanota hamoota ajajiisaafille baallii qaba; isaanille isaaf hin ajajaman» jettee wol woliin dudubbatte.