Mark 1:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus kolbaa hedduu ka dhukkuba adda addaatiin dhibante fayyise. Inni durriisota hedduulle baase; ammoo durriisoti ebeluu isaa waan beekaneef, akka isaan waan tokkolle hin dubbanne dhoogge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni nama d'ukuba gosa ch'ufa qabu fayyise, jinni heddule nama keesaa baase, isi dubbachu d'owe, waan isiini isa beetuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii nama dhukkuba gosa gosaatiin gaargalaa ture cufa fayyisee, jinnii hedduullee nama keessaa baase, jinniin waan isa beettuuf innii isii dubbachuu dhowwe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra dhibee adda addaatiin qabaman heddu fayyisee; jinnii hedduullee baase; Jinnoonni Kiristoosiin akka ta'e beekanii waan turaniif akka dubbatan isaan hin hoffolchine.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra dhibee adda addaatiin qabaman heddu fayyisee; jinnii hedduullee baase. Jinnoonnillee Kiristoosiin akka ta'e beekanii waan turaniif akka dubbatan isaan hin hoffolchine.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus worra dhukkuba adda addaatiin makkaraaran namoota baayi'ee ni fayyise, jinniiwwan baayi'een'llee isaan keessaa ni baase, jinniiwwan'llee inni eennuun akka ta'e ni beekan ture, haa ta'u malee Yesus akka dubbataniif isaanii hin eeyyaminne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus kolbaa hedduu ka dhukkuba adda addaatiin dhibante fayyise. Inni durriisota hedduulle baase; ammoo durriisoti ebeluu isaa waan beekaneef, akka isaan waan tokkolle hin dubbanne dhoogge.