Mark 1:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yohaanniisiin cuuphaan lafa goomole'ee keessatti, “Cubbuu teessan irraa deebi'aatii, cuuphama'a! Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama” jedhaa lallabaa dhufe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yohanani lafa gamooji d'ufe, aada batiso jed'ani biyya kenne waan jed'e, Daba iraa deebia, aada batiso fud'ad'a, aka Waaqi daba keesani isanii araaramu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoh. aannis lafa gammoojjii dhufee, aadaa cuuphama jedhan biyyaa kennee, “Cubbuu irraa deebi'aa, aadaa cuuphamaa fudhadhaa, akka Waaqii cubbuu teessan isanii araaramu” jedhe labse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yohaannisiin cuuphaan lafa udume'ee keessatti, «Aagii gala'aatii cuuphamaa'a! Rabbillee cubbuu keessan isinii dhiisaa» jedha'aa lallaba'aa dhufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yohaannisiin cuuphaan lafa udume'ee keessatti, «Aagii gala'aatii cuuphamaa'a! Rabbillee cubbuu keessan isinii dhiisa» jedha'aa lallaba'aa dhufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Yohaannisiin Cuuphaan, «Dhiifama cubbu'uu akka argattaniif, gara Waaqaa deebi'aa cuuphamaa!» jechu'uun, gammoojjii keessa lallaba'aa ni dhufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yohaannisiin cuuphaan lafa goomole'ee keessatti, «Cubbuu teessan irraa deebi'aatii, cuuphama'a! Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhaa lallabaa dhufe.