Mark 1:44 — Compare Translations
5 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!” jedhee, jabeessee, seeree, isa erge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jed'eeni, Eegad'u, nama tokoleti inhimini. Ammo deemi, qaallicha gudda ufi agarsiisi, sorio Musa iraa d'ufte qali, aka nami fayya te argu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ufi eegadhu, nama tokkolletti hinhimin! Ammoo deemii, qaallicha guddaa ufi garsiis, sooriyoo Musee irraa dhufte qalii, akka namii fayyaa tee argu” jedheenii ufi biraa deemsise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Waan kana eennutti'llee akka hin himnneef ufi eeggadhu, garuu deemiitii mataa kee qeesichatti muldhis, isaaniif'llee ragaa akka ta'u waayee fayyinna keetiitiif, kitimaa dhiyeessi» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee, jabeessee, seeree, isa erge.