Mark 1:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii martinuu gara Yohaannisii dhaqanee, cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiititti harka isaatitti cuuphamane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami Yudeatiifi ka Yerusalemu keesa jiruleeni ch'ufti d'aqe Yohana ch'aqase. Daba ufi himatani jennaani inni galaana Yordani keesati worraa batiso kenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii Yihudaatii fi ka Yerusaalem keessa jiruulleen cuftii dhaqee Yoh. aannis caqasee, cubbuu ufii himatanii jennaan, innii galaana Yordaanos keessatti warra cuuphe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin biyya Yihuuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii maruu gara isaa dhufa'aa turan. Cubbuu ufiillee himata'aa laga Yoordaanosiititti harka isaatiin cuuphama'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Baniin biyya Yihuuda'aatii fi qachaa Yeruusaaleemii maruu gara isaa dhufa'aa turan. Cubbuu ufiillee himata'aa laga Yoordaanoosiititti harka isaatiin Cuuphama'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Arddii Yihuda'aatii fi magaalaa Yerusaalemiitii'llee namoonni baayi'een gara isaa ni dhufan ture, cubbuu isaanii'llee himata'aa Laga Yoordaanosii titti, harka isaatiin ni cuuphaman ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii martinuu gara Yohaannisii dhaqanee, cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiititti harka isaatitti cuuphamane.