Mark 1:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yohaannis uffana rifeensa gaalaatiin dhowame uffatee, hidha ifiille teephaan hidhatee, awwannisaa fi damma hollaa nyaataa ture.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Woyaani Yohana rifeensa galati, gurda hid'aanati hid'ate, awaanisafi damma nyaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wayaan Yoh. aannis rifeensa gaalaati, gurdaa hidhaanaatti hidhatee, awwaanisaa fi damma nyaachaa jiraate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yohaannis uffata rifeensa gaalaa irraa hojjatame uffatee, mudhii ufii teephaan hidhatee, awwaannisaa fi damma gammoojji'ii nyaata'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yohaannis, uffata rifeensa gaalaa irraa hojjatame uffatee, mudhii ufii teephaan hidhatee, Awwaannisaa fi damma gammoojji'ii nyaata'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Uffanni Yohaannisii rifeenissa gaalaa irraa ka hojjatame ture, hidha isaa titti'llee teepha ni hidhata ture, nyaanni isaa'llee awwaannisaa fi dammaa daamu'uu ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yohaannis uffana rifeensa gaalaatiin dhowame uffatee, hidha ifiille teephaan hidhatee, awwaannisaa fi damma hollaa nyaataa ture.