Mark 10:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus addee sanii ka'ee gara biyya Yihuda'aatii fi laga Yordaanosiitiin gama dhaqe. Ammalle gumiin guddoon gara isaa dachaanaan, inni akkuma aadaa ifii isaan barsiise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni arti kae, lafa Yudeatiifi galaana Yordani gama kaani d'aqe. Gumiini guddooni iti baanaani, inni aka aada ufi kaani worra barsiise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus artii ka'ee, lafa Yihudaatiifi galaana Yordaanos gama kaan dhaqe. Gumiin guddoon itti baanaani, innii akkuma amalaa ufii kaan warra barsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus bakka sanii ka'ee gara biyya Yihuuda'aatii fi laga Yoordaanos gama dhaqe. Ammallee gumiin guddaan gara isaa dachaanaan inni akkuma amala ufii isaan barsiise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus bakka sanii ka'ee gara biyya Yihuudaatii fi laga Yordaanosi gama dhaqe. Ammallee gumiin guddaan gara isaa dachaanaan, inni akkuma amala ufii isaan barsiise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus achii ka'ee, laga Yoordaanosii gara dhiyaatiin dabrree, gara arddii Yihuda'aa ni deeme. Namoonni haalaan baayi'ee'llee deebi'anii gara isaa wol ni gayan, inni'llee akkuma aadaa isaa titti isaan ni barsiisa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus addee sanii ka'ee gara biyya Yihuda'aatii fi laga Yordaanosiitiin gama dhaqe. Ammalle gumiin guddoon gara isaa dachaanaan, inni akkuma aadaa ifii isaan barsiise.

Recommended Reading