Mark 10:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus yennaa waan kana dhagge aaree, “Mootummaan Waaqaa waan ta worra akka ijoolle tanaa teeteef, ijoolleen gara kiyya dhuttuutii, hin dhooggina'aa lakkisa'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan kana arginaani dalane waan worraani jed'e, Ijoolleeni ha nati d'uftuuti, ind'owiina; wonti akanatiifi ijoolle akana tanati Finna Waaqa qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus waan kaani arginaan dallanee warraani, “Ijoolleen haa natti dhuftuuti, hindhowinaa; Mootummaan Waaqaa ta warra akka ijoollee tanaa jiruuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammo hennaa waan kana arge aaree, «Jeennanni Rabbii ta worra akka ijoollee tanaa ta'aniif waan taateef ijoolleen gara kiyya haa dhuftuu hin dhooggina'aa gad dhiisaa'a!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammoo hennaa waan kana arge aaree, «Jeennanni Rabbii ta worra akka ijoollee tanaa ta'aniif waan taateef, ijoolleen gara kiyya haa dhuftuu hin dhoogginaa'a gad dhiisaa!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee kana arguu isaatiin dallanee, barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Mootummaan Waaqaa isaan akkana jiran kanniiniif waan taateef daai'mman gara kiyya haa dhufanii dhiisaa, isaan hin dhoogina'a,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus yennaa waan kana dhagge aaree, «Mootummaan Waaqaa waan ta worra akka ijoollee tanaa teeteef, ijoolleen gara kiyya dhuttuutii, hin dhooggina'aa lakkisa'a!