Mark 10:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ideemiisaaf ka'ee kara'atti bayeeruun, namichi tokko gara isaa fiigee, isa duratti jilbiiffatee, “Barsiisaa dansa'a! Jiruu bara baraatitti galiisaaf ani maan tolchu'uu male?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Yesoni kara gula deemu, namichi toko isati utaala d'ufe, jilbifate isa gaafate waan jed'eeni, Aabbo dansa, anini maani tolcha aka jireenna hegeri argad'u?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Yesus karaa gula deemuu, namichii tokko itti utaalaa dhufee fuula isaa duratti, jilbifatee, “Ee Aabbaa dansaa, akka jireenna barabaraa argadhu waan dansaa, anin maan tolchuu male?” jedhe gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus achii ka'ee akkuma kara'atti bayeen namichi tokko gara isaa fiigee afoo isaatitti jilbiiffatee, «Barsiisaa mishaa'a! gara jireenna bara baraa galu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee gaafate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus achii ka'ee akkuma kara'atti bayeen, namichi tokko gara isaa fiigee, afoo isaatitti jilbiinfatee, «Barsiisaa mishaa'a! gara jireenna bara baraa galu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee gaafate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus achii bayee deema'aa uduma jiru, naminni tokko gara isaa fiigee isa duranatti jilibbiiffateeti, «Yaa barsiisaa arjjaa, jireenna bara baraa argachu'uuf maal raawwachu'utu narraa mala?» jechu'uun, ni gaafateen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ideemiisaaf ka'ee kara'atti bayeeruun, namichi tokko gara isaa fiigee, isa duratti jilbiiffatee, «Barsiisaa dansa'a! Jiruu bara baraatitti galiisaaf ani maan tolchu'uu male?» jedhee gaafate.