Mark 10:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namichi yennaa dubbii tana dhage'ee karra guddoo waan qabuuf, fuula ifii gurraachessee, gaddee achii deeme.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi tana d'ageennaani inni fuula yakate oode iti d'aabate, waan hori guddo qabuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii kaani dubbii taan dhageennaan waani horii guddaa qabuuf, fuula yakkatee kumuuddaa itti dhaabate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichi hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna guddaa waan qabuuf fuula ufii gurraachessee gaddee achii deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namichi hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna guddaa waan qabuuf, fuula ufii gurraachessee, gaddee achii deeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namichi'llee kana yeroo dhagayetti fuulli isaa gaddaan ni gurraachate, qabeenna baayi'ee ni qaba waan tureef, gadda'aa ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichi yennaa dubbii tana dhage'ee karra guddoo waan qabuuf, fuula ifii gurraachessee, gaddee achii deeme.