Mark 10:44 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Eennulle isin keessaa nama namaan duraa te'iisaaf ka barbaadu, garbicha nama maraa te'uu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammalle ka isani keesa nama qara tahu fed'u tisse nama ch'ufa tahu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee ka isan keessaa nama qaraa ta'uu fedhuu hojjataa nama cufaa ta'uu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee isin keessaa ka bulchaa ta'uu barbaadu ka nama maraafuu hojjatu haa ta'uu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee isin keessaa bulchaa ta'uu ka barbaadu, ka nama maraa hojjatu haata'uu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana isin jiddu'uu ka ol aanaa ta'uu barbaadu, garbcha maraa haa ta'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eennulle isin keessaa nama namaan duraa te'iisaaf ka barbaadu, garbicha nama maraa te'uu ti.