Mark 10:45 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ilmi namaa tajaajiliisaaf, namoota hedduulle wodiisaaf lubbuu ifii kenniisaaf dhufe malee, tajaajilamiisaaf hin dhunne” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akaatifi Ilmi Namaleeni aka hojataniifi ind'umne ammo aka namaa hojate, jireenna ufi maro nama heddutiifi baasuufi d'ufe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akanaatiif ilmi namaalleen akka hojjataniif hindhumnee, ammoo akka namaa hojjatee, lubbuu ufii marroo nama hedduutiif baasuuf dhufe male” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ilmi namaa lubbuu ufii kennee namoota maraa furu'uuf dhufe malee akka isa tajaajilaniif hin dhufne» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ilmi namaa lubbuu ufii kennee namoota maraa furu'uuf dhufe malee, akka isaa hojjataniif hin dhufne» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ilmi Namaatuu tajaajilu'uu fi lubbuu isaa gatii namoota baayi'e'ee taasisee kennu'uuf dhufe malee, akka isaa tajaajilaniif hin dhufinne.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilmi namaa tajaajiliisaaf, namoota hedduulle wodiisaaf lubbuu ifii kenniisaaf dhufe malee, tajaajilamiisaaf hin dhunne» jedhe.