Mark 10:46 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuusii fi barattooti isaa Yerikoo dhaqane. Isaan gumii guddo'oon woliin yennaa Yerikoo lakkisanee bayane, namichi ila balla'aa kadhatichi tokko ka Barxiimewoos jedhamu, ilmi Ximeewoosii karaa qarqara tee'eera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesofi jari isatiifi gumiini guddooni dira Yeriko gahani. Ato Yeriko bahanu, nami ballaani toko ka Bartimayo, ilma Timayo jed'ani d'aatu karaa taa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesusii fi jarii isaa gumii guddoo waliin dira Yerikoo dhufan. Yo Yerikoo ba'aan, in yaana jedhaanii namicha ballaa tokkootti, ka Barxiimewosii ilma Ximeewosii jedhaniin, dhaattuu karaa taa'ee kadhachuuti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusii fi darasoonni isaa Yaarikoo dhaqan; isaan hennaa gumii guddaa woliin Yaarikoo keessaa bayan Namichi ijji isaa hin argine ka kadhatu tokko ka Barximewoos jedhamu ilmi Xemiwoosii karaa irra taa'ee kadhata'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusii fi darasoonni isaa Yaarikoo dhaqan. Isaan gumii guddaa woliin hennaa Yaarikoo keessaa bayan, Namichi ijji balla'aa ka kadhatu tokko ka Barxiimeewoos jedhamu ilmi Xeemeewoosii karaa irra taa'ee kadhata'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus barattoota isaa woliin gara magaalaa Iyyaarikoo ni dhufan. Dabrree'llee magaala'aa bayee yeroo deemutti, ummanni haalaan baayi'e'ee isa ni horddofaniin ture. Karaa bira ammoo ilma Xeemeewosii ka ta'e Barxiimewos ka jedhamu namichi jaamaan tokko taa'ee ni kadhata ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuusii fi barattooti isaa Yerikoo dhaqane. Isaan gumii guddo'oon woliin yennaa Yerikoo lakkisanee bayane, namichi ila balla'aa kadhatichi tokko ka Barxiimewoos jedhamu, ilmi Ximeewoosii karaa qarqara tee'eera.