Mark 10:48 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti hedduun isa cadhisiisiisaaf xixane; inni ammoo ittuma caalchisee qoonqoo guddo'oon, “Ilma Daawwitii, anaaf nayi” jedhee iyye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami hedduuni isa dubbachu d'owe, Ch'allisi jed'eeni. Ammo inni hagasi ira iye, Ati Ilma Daudi, naa nahi jed'eeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii hedduun isa dubbachuu dhowee, “callisi” jedheen. Innii ammoo hagasille irra iyyee, “Ilma Daawitii, naa na'ii” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni hedduu akka inni cadhisu teedeffataniin. Inni ammo, «Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa ta duraa caalaa laagaa gudda'aan iyye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni hedduu akka inni cadhisu teedeffataniin. Inni ammoo, «Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa ta duraa caalaa laagaa gudda'aan iyye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Baayi'eewwan, «Caldhisi!» jedhanii, itti ni baanatan, inni garuu, «Yaa Ilma Daawiitii! Yabo'oo naaf nayi!» jedha'aa, caala'atti ni iyye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti hedduun isa cadhisiisiisaaf xixane; inni ammoo ittuma caalchisee qoonqoo guddo'oon, «Ilma Daawitii, naaf nayi» jedhee iyye.