Mark 10:52 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuusille isaan, “Dhugeeffannaan teeti si fayyicheerti deemi!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan isaani jed'e, Beeni, d'ugefachaani tante la si fayyifte. Inni hojuma suni lafa arge, faana Yeso kara gula deeme.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus isaani, “Beeni, dhugeeffachaan tee laa si fayyiftee” jedhe. Innii hojjuma sun lafa argee, faana Yesusii karaa gula deeme.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee isaan, «Amantiin kee si fayyiseera deemi!» jedhe. Yoosuu ijaan argee isa faanaa deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee isaan, «Amantiin kee si fayyiseera deemi!» jedhe. Yoosuu ijaan argee isa faanaa deeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Jedhi deemi, amantiin kee si fayyisee jira» jedheen. Namichi'llee bakkumatti argu'uuf ni danda'e, kara'atti'llee Yesusiin horddofee ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuusille isaan, «Dhugeeffannaan teeti si fayyicheerti deemi!» jedhe.