Mark 11:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni harru urruuba takka fago'otti dhaggee, midhaan irraa dhaggadhaa laati jedhee, ilaaliisaaf dhaqe. Ammoo inni yennaa isii bira geye, yennaan sun yennaa harruun midhaan buuttu waan te'uu dhabeef, baala malee waan tokkolle irraa dhabe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba mukha oda toko, ka baala qabu, fagoti arge, mid'aani ira laalu d'aqe. Achi geennaani, baala male, woma iraa d'abe; wonti akanatiifi hojjaani odaani bilchaatu ingeenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan muka odaa ka baala qabu tokko, fagootti argee, midhaan irraa argadhaa badaa? Jedhee laalu dhaqe. Achi geennaan, waan yo'ii odaan bilchaatu hinga'iniif, baala malee homaa irraa dhabe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
muka hurbu'uu ta baala qabdu takka fago'otti argee waan nyaatan irraa argadhinnaa laata? jedhee dhaqe. Haa ta'uu ammo hennaan sun hennaa hurbuun midhaan godhatu waan hin taaneef baala malee womaa irraa hin arganne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni muka hurbu'uu baala qabdu takka fago'otti argee, waan nyaatan irraa argadhinnaa laata? jedhee dhaqe. Haata'uu ammoo hennaan sun hennaa hurbuun midhaan godhatu waan hin taaneef, baala malee womaa irraa hin arganne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Baalli isi'ii ka lalise mukattii harbbu'uu takka'llee fagotti argee, mee waan firiin irratti argamu yoo ta'e jechu'uun gara isi'ii ni dhaqe, garuu gara isi'ii yeroo dhiyaatetti yeroon ji'a harbbuun itti daraarttuu waan hin turiniif, baala malee womaayyuu isii irra hin arganne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni harruu urruuba takka fago'otti dhaggee, midhaan irraa dhaggadhaa laati jedhee, ilaaliisaaf dhaqe. Ammoo inni yennaa isii bira geye, yennaan sun yennaa harruun midhaan buuttu waan te'uu dhabeef, baala malee waan tokkolle irraa dhabe.