Mark 11:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba inni, “ ‘Manni kiyya gosa maraafuu mana daadimataa te'a’ jedhamee barreeffameera. Isin ammoo goda hattuun itti dhokattu tolchitane” jedhee kolbaa barsiise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba worra barsiise waan jed'eeni, Mani kiyya mana eeba gosa ch'ufa jed'ani t'aafaniiniti? Ammo isani goda hattu tolchitani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba warra barsiisee, “ ‘Manii kiyya gosa cufaa mana eebbaa jedhamee yaamama’ jecha jedhu hinbarreessiinee? Isan ammoo goda hattuu tolchitan” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa inni akkana jedhee barsiise, «Manni kiyya banii maraafuu ‹mana keessatti Rabbiin kadhatan ta'a› jedhamee barreeffameera. Isin ammo goda hattuun itti dhokattu gootan» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa inni akkana jedhee barsiise, «Manni kiyya gosa maraaf mana itti faateffatan ta'a jedhamee barreeffameera. Isin ammoo goda hattuun itti dhokattu gootan» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkana'llee jechu'uun isaan ni barsiise, « ‹Manni kiyya ummata maraaf mana kadhanna'aa jedhama!› jedhamee, hin barreeffaminne moo? Isin garuu goda saamttotaa ni taasfittaniin.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni, « ‹Manni kiyya gosa maraafuu mana daadimataa te'a› jedhamee barreeffameera. Isin ammoo goda hattuun itti dhokattu tolchitane» jedhee kolbaa barsiise.