Mark 11:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, waan Yesuus jedhe dhage'anee, mala isa ittiin ijjeesanu barbaadiisatti ka'ane. Waan gumiin barsiisa isaa akka malee baasseffateertuuf, isaan isa sodaatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaalole gugurdofi jari Seera beekhu akasi d'ageennaani kara isaani ijeesani malatani. Ammo maro gumiini ch'ufti barsiisa isaa maadefatteefi isa sodaatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaallolee gugurdoo fi jarii seera beeku waan kaan dhageennaan karaa isaan ijjeesan malatan. Ammoo marroo barsiisaan isaa garaa gumii cufaa tuxxee gumiin barsiisa isaa maadefatteef isa sodaatan
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoota gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee waan Yesuus jedhe kana hennaa dhagayan gumiin barumsa isaa waan maalalfataniif attamitti akka isa balleessan mala barbaada'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchoota gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee, waan Yesuus jedhe dhagayanii, mala isa ittiin ajjeesan barbaaduu jalqaban, gumiin barumsa isaa guddisanii waan maalalfataniif, isaan isa sodaatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa kana yoo dubbatu ni dhagayaniin, ummanni marrinuu barsiisa isaa ni maalalffata waan tureef ni sodaataniin, kanaaf attam taasisaanii akka isa itti balleessaniin, toofittaa ni barbaadan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, waan Yesuus jedhe dhage'anee, mala isa ittiin ijjeesanu barbaadiisatti ka'ane. Waan gumiin barsiisa isaa akka malee baaseffatteertuuf, isaan isa sodaatane.