Mark 11:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan; hiika'aatii as fida'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jed'eeni, Olla isani dura jiru olduuda, duuba yo olduuddani, bukhura harree, ka hid'aansa qabu, ka taka illenjisiini argitani, hiikha, kootaani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ollaa isan dura jiru olduudaa, duuba yo olduuddanii, bukura harree, ka hidhaansaatti jiru, ka takka illenjisin agartan, hiikaa koottaan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Gara ganda fuullee keessan jiru san dhaqaa'a; akkuma achi geettaniin ilmoo harre'ee ka haga ammaa namni tokkollee hin yaabbanne argitan; hiika'aatii as naa fidaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Gara ganda fuullee keessan jiru san dhaqaa'a, akkuma achi geettaniin ilmoo harre'ee ka haga ammaa namni tokkollee hin yaabbanne argitan; hiika'aatii as naa fidaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Gara ganda isiniin durana jiruu durssa'aatii deemaa, achi'llee akkuma geettaniin bakkumatti ilmmayyoon harre'ee ka eennu'llee haga ammaa titti hin yaabbatin hidhamee ni argattan, hiika'aatii garana fida'aanii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan; hiika'aatii as fida'a.