Mark 11:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugumaan isiniin jedha; eennulle gadhaa ifiititti adoo hin mamin gaara kanaan, ‘Asii ka'iitii, gara abbaaya'aa ifi darbi!’ yoo jedhe, wonni inni jedhulle akka teetuuf yoo dhugeeffate, wonni sun isaaf hin teeti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami gaara kanaani, Arma buqai, galaana keesa bui jed'eeni, yo garaa ufi keesati ind'arefanne, ammo aka wonti inni jed'u taatu d'ugefatu, wonti suni inguutamtiifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu, namii adoo hinmamin gaara kanaan, ‘Armaa buqqa'ii, galaana keessa bu'i’ jedhee, yo wantii innii jedhe akka taatuuf dhugeefatee, wantii sun inguutamtiif.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhugaa isiniin jedha; eennullee garaa ufii keessatti uduu hin mamin amanti'iin gaara kanaan, ‹Asii buqqa'ii gara galaanaa darbam› yoo jedhe hin ta'aaf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dhugaa isiniin jedha; eennullee garaa ufii keessatti uduu hin mamin amanti'iin, gaara kanaan, ‹Asii buqqa'ii, gara galaanaa darbami› yoo jedhe hin ta'aaf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
dhugamaan isiniin jedha, naminni kumi'llee onnee isaa titti uduu hin shakkin wonitti inni barbaadu akka raawwatamuuf amanee gaara kanaan, ‹asii ka'iitii gara garba ciisa'aa titti darbami› yoo jedhe, ni ta'aaf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugumaan isiniin jedha; eennulle gadhaa ifiititti adoo hin mamin gaara kanaan, ‹Asii ka'iitii, gara abbaaya'aa ifi darbi!› yoo jedhe, wonni inni jedhulle akka teetuuf yoo dhugeeffate, wonni sun isaaf hin teeti.