Mark 11:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan ammalle Yerusaalemitti deebi'ane. Yesuus Galma Waaqaa keessa adoo deddeemuu, moototi hayyootaa, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi jaarsoleen gara isaa dhufanee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Yerusalemuti deebiani. Ato Yesoni Mana Waaqa keesa deedeemu qaalole gugurdofi jara Seera beekhufi jaaroleeni isati d'ufte
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii ammallee Yerusaalem dhaqee, adoo Yesus Mana Waaqaa keessa dedeemuu qaallolee gugurddoo, jara seera beekuu fi jaaroleen dhibiilleen isatti dhuftee;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan deebi'anii gara Yerusaalemii dhaqan. Yesuus uduu mana woyyuu keessa deddeemu, bulchoonni gadootaa, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi manguddoonni gara isaa dhufanii
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan deebi'anii gara Yeruusaalemii dhaqan. Yesuus mana woyyuu keessa uduu deddeemu, bulchoonni gadootaa, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi mangudoonni gara isaa dhufanii,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Deebi'anii'llee gara Yerusaalemii ni dhufan, Yesus'llee Mana Waaqeffanna'aa keessa dedeebi'aa uduma jiru itti gaafatamoonni qeesotaa, barsiisonni seeraatii fi jaarsotiin gara isaa dhufaniiti,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ammalle Yerusaalemitti deebi'ane. Yesuus Galma Waaqaa keessa adoo deddeemuu, sooreyyii hayyootaa, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi jaarsoleen gara isaa dhufanee,