Mark 11:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Waan kana mara tolchiisaaf baallii maanii qadda? Waan kana mara akka tolchituuf eennutti baallii tana si'iif kenne?” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jetteeni, Jabeenna kamiini waan kana tolchita? Yokhaani, eentu jabeenna kana sii kenne, aka waan kana tolchitu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesusiin, “Jabeenna kamiin waan kana cufa tolchita? Yokaan, eentu jabeenna kana sii kenne, akka waan kana cufa tolchitu?” jedhaniin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan Yesuusiin, «Baallii maali'iitiin waan kana maraa goota? Yookaan waan kana maraa akka gootuuf eentu baallii sii kenne?» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan Yesuusiin, «Baallii maali'iitiin waan kana maraa goota? Yookiin waan kana maraa akka gootuuf baallii eentu sii kenne?» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Wonittoota kanniin ka raawwattu aangoo maali'iitiin? Yookiin wonittoota kanniin akka raawwattuuf, aangoo ka si kenne eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Waan kana mara tolchiisaaf baallii maanii qadda? Waan kana mara akka tolchituuf eennutti baallii tana si'iif kenne?» jedhane.