Mark 11:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan wol mormanee, “Waaqa yoo jenne, ‘Maaf dubbii Yohaannisii dhugeeffata diddane ree?’ nu'uun jedha;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri wolmorme waan woliini jed'e, Yo gubbaa jenne, inni, Isani maafi isa ind'ugefatiina? jed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii walmormee waliin, “Waaqaa irraa dhufte yo jennee, ‘Yoos isan maaf isa hindhugeefatinaa ree?’ nuun jedhaa,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan wol mormanii, «Rabbiin irra yoo jenne, ‹Dubbii Yohaannisii maaf amanuu diddan ree?› nuun jedha;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan wol mormanii, «Rabbiin irra yoo jenne, ‹Dubbii Yohaannisii maaf amanuu diddan ree?› nuun jedha;
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee, «Eegaa maal haa jennu?» jechu'uun ufii isaaniitii woliin ni mari'atan, «Waaqa biraayyi yoo jenne, ‹eegaa maali'iif itti amanuu dhabiddan ree?› nuun jedha,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan wol mormanee, «Waaqa yoo jenne, ‹Maaf dubbii Yohaannisii dhugeeffata diddane ree?› nu'uun jedha;