Mark 11:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami hedduun uffana ifii, worri dhibiin dameelee baalaa raaqaa caccasanee karaa irratti afane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami hedduuni woya ufi kara keesa afe, ka gari dame mukha ch'ire, kara keesa afani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii hedduun wayaa ufii karaa keessa afee, ka garii ammoo dameelee mukaa ciree, karaa keessa afe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni hedduu uffata ufii; worri kuuwwan ammo muka irraa baala ciranii karaa inni irra deemu irratti afan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni hedduu uffata ufii, worri kuuwwan ammoo muka irraa baala ciranii karaa inni irra deemu irratti afan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni baayi'een uffata isaanii karaa irratti ni afan ture, kuuniin'llee muka bosonaa irraa damee mura'aa, karaa irratti ni afan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami hedduun uffana ifii, worri dhibiin dameelee baalaa raaqaa caccassanee karaa irratti afane.