Mark 12:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, “Namichi tokko muka woyini'ii fichaa ifiititti dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba qottee bultootatti kireessee, biyya san lakkisee deeme.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni mammaakhe waan jed'eeni, Nami toko oobru zabibu fach'aase, dallaani marse, boola zabibu keesati ch'ach'arasani qote, doofi iti ijaare, harka jara oobru hojatuti lakise, lafa d'ibi d'aqe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus mammaassan isanitti himee, “Namii tokko oobruu weyinii facaasee, dallaan marsee jaaree, boolla weynii keessatti cacarasaan qotee, siree irra taa'anii eegan itti jaaree, akka yo midhaan muraan warra waliin qoodatu harka jara oobruu hojjatuutti lakkisee, lafa dhibii dhaqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee Yesuus akkana jedhee mammaakaan isaanitti himuu jalqabe, «Namichi tokko biqiltuu woyini'ii dhaabee, dhaga'aan dallawa itti dallayee, boolla woyinii itti cuunfan qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree, qonnaan bultootatti kireessee gara biyya fago'oo deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee akkana jedhee mammaakaan isaanitti himuu jalqabe, «Namichi tokko biqiltuu woyini'ii dhaabee, dhaga'aan dallawa itti dallayee, boolla woyinii itti cuunfan qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree, qonnaan bultootatti kireessee gara biyya fago'oo deeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus kana fakkeennaan akkana jechu'uun isaanitti himuu jala ni qabe, «Naminni tokko biqilttuu woyinni'ii ni dhaabe, naanaya isaa'llee ni dallaye, cuunffaa woyinni'iitiif'llee ka ta'u boolla qotee ni midhaasse, eegiddoo woyinni'iitiif ka tajaajilu siree ol fagaatu ka kaabaa dhaga'aa'llee ni hojjate, kanaan duubatti bakka biqilttu'uu qotee bulttootaaf kireessee, gara biyya fago'oo ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba qonnaan bultootatti kireessee, biyya san lakkisee deeme.